Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Eenyu
Affeerraan Macaafa Qulqulluu inni gad-fageenya qabu, Waaqayyo mataa isaa beekuu dha — waa'ee isaa qofa beekuu utuu hin taane, amala isaa, maqaawwan isaatii fi karaa isaa arguu dha. Uumama irraa hamma Mul'ata Yohaannisitti Waaqa qulqulluu fi dhihoo, olaantummaa qabuu fi arjaa, kaleessas har'as bara baraan kan hin geeddaramne ta'e isa mul'isa. Caqasoonni kun akka ati akkuma inni jirutti isa jaallattuuf fakkii Macaafni Qulqulluun waa'ee Waaqayyoo kaa'e walitti qabu.
Waaqayyo Abbaa
Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.
Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii. Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.
Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.
Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti; akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti.
Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu, Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate.
Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
Yookaan ati akka gara laafummaan Waaqaa gara qalbii jijjiirrannaatti si geessu utuu hin beekin baayʼina gara laafummaa isaa, gara balʼina isaatii fi obsa isaa ni tuffattaa?
Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?
Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.
Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.
Maqaalee fi Amaloota Waaqayyoo
Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “ Waaqayyo ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu Waaqayyoo irratti, ni kennama” jedhama.
Waaqnis Museedhaan, “ ANI ANUMA; ati saba Israaʼeliin, ‘Inni ANI ANUMA jedhu sun gara keessanitti na ergeera’ jedhi” jedheen.
Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku.
Ergaan nu isa irraa dhageenye, kan isinittis labsinu isa kana: Kunis akka Waaqni ifa taʼee fi akka dukkanni gonkumaa isa keessa hin jirree dha.
Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha” jedha.
Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; irreen bara baraas si jalaan jira. Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
Kanaafuu Gidewoon Waaqayyoof achitti iddoo aarsaa ijaaree, “ Waaqayyo Nagaa dha” jedhee moggaase. Iddoon aarsaa kun hamma harʼaatti lafa Abiiʼezerootaa irra iddoo Ofraa jedhamu dhaabateera.
Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Waaqayyo si fayyisuudhaatii.”
Isheenis maqaa Waaqayyo isheetti dubbate sanaa, “Elrooʼii” jettee waamte. Isheen, “Ani dhugumaan Isa na argu sana argeera” jetteertiitii.
Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.
Bulchiinsaa fi Kunuunsa Waaqayyoo
Waaqayyo teessoo isaa samii keessa dhaabbateera; mootummaan isaas waan hunda bulcha.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha” jedha Waaqayyo.
Waaqni warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna.
Wanni hundinuu yeroo qaba; hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata; Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata. Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.
Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya. Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti; hundi keenya hojii harka keetii ti.
Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.
Nus akkuma karoora isa waan hundumaa akka kaayyoo fedhii isaatti hojjetu sanaatti duraan dursee waan murteeffamneef Kiristoosiin dhaala arganneerra;
Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama. Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?
Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa, warra na ariʼatan harkaas na baasi.
Qulqullummaa fi Ulfina Waaqayyoo
Isaanis: “ Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.
Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! Ati ulfina kee samiiwwan irratti diriirsiteerta.
“ Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.
Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; bantiin samiis hojii harka isaa labsa.
“Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”
Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge.
Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.
Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni, ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti. Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti; ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.
Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu; sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.
Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.
Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa; isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.