Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ayyaana

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Ayyaana dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 2:8-9

Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti; akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti.

02 2 Qorontos 12:9

Inni garuu, “Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii” naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.

03 Yohannis 1:16

Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra.

04 Roomaa 5:20

Seerris akka cubbuun baayʼatuuf dhufe. Lafa cubbuun baayʼatetti garuu ayyaanni akka malee baayʼate;

05 Tiitoo 2:11

Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii.

06 Ibroota 4:16

Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.

07 1 Phexros 5:10

Waaqni ayyaana hundaa karaa Kiristoosiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban