Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jaalala Waaqayyoo

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Jaalala Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Yohannis 4:10

Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.

02 Yohannis 3:16

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

03 Roomaa 5:8

Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa.

04 1 Yohannis 3:1

Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.

05 Roomaa 8:38-39

Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

06 Efesoon 3:18-19

isinis jaalalli Kiristoos hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatuu fi hammam akka gad fagaatu qulqulloota hunda wajjin hubachuudhaaf akka humna qabaattaniif, akka guutama Waaqaa hundaan guutamtaniifis jaalala Kiristoos kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif nan kadhadha.

07 1 Yohannis 4:16

Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras. Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.

08 Sefaaniyaa 3:17

Waaqayyo Waaqni kee inni si wajjin jiru jabaa dha. Inni baayʼee sitti gammada; inni jaalala isaatiin si boqochiisa; faarfannaadhaanis sitti gammada.”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban