Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Araara
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Araara dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.
Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii. Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.
inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;
Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.
Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? Ati araara gochuutti gammadda malee bara baraan hin dheekkamtu.