Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gara Laafina

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Gara Laafina dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 103:13

Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu, Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;

02 Faaruu 3:22-23

Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii. Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.

03 Faarfannaa 145:8

Waaqayyo arjaa fi gara laafessa; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

04 Maatewos 9:36

Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii.

05 Isaayyaas 49:15

“Haati daaʼima ishee kan hoosiftu irraanfachuu ni dandeessii? Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu? Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!

06 Faarfannaa 116:5

Waaqayyo arjaa fi qajeelaa dha; Waaqni keenya gara laaffessa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban