Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amanamummaa Waaqayyoo
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Amanamummaa Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii. Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.
Kanaafuu akka Waaqayyo Waaqni kee Waaqa taʼe beeki; inni Waaqa amanamaa warra isa jaallatanii ajaja isaas eeganiif kakuu fi araara isaa hamma dhaloota kumaatti eeguu dha.
Waaqni gara tokkummaa Ilma isaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti isin waame sun amanamaa dha.
Nu yoo amanamoo taʼuu baanne, inni amanamaa taʼee jiraata; inni of ganuu hin dandaʼuutii.
Yaa Waaqayyo, araarri kee samiiwwan bira, amanamummaan kees duumessa bira gaʼa.
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kan akka keetii eenyu? Yaa Waaqayyo, ati jabaa dha; amanamummaan kees si marsa.
Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.