Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gaarummaa Waaqayyoo

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Gaarummaa Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 34:8

Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.

02 Faarfannaa 100:5

Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.

03 Faarfannaa 145:9

Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha; inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.

04 Naahoom 1:7

Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;

05 Roomaa 8:32

Waaqni Ilma isaa illee utuu hin mararfatin hunduma keenyaaf dabarsee kenne sun akkamitti waan biraa hundumas isa wajjin akkasuma arjummaan nuuf hin kennu ree?

06 Faarfannaa 31:19

Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse, kan ati fuula namootaa duratti warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!

07 Faarfannaa 27:13

Anis biyya jiraattotaa keessatti gaarummaa Waaqayyoo akkan argu amma iyyuu nan amana.

08 Faarfannaa 84:11

Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.

09 Faarfannaa 23:6

Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.

10 Yaaqoob 1:17

Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.

11 Faarfannaa 86:5

Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.

12 Baʼuu 33:19

Waaqayyo immoo akkana jedhe; “Ani gaarummaa koo hundumaa fuula kee dura nan dabarsa; maqaa Waaqayyoo fuula kee duratti nan labsa. Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa.

13 Faarfannaa 119:68

Ati gaarii dha; wanni ati hojjettus gaarii dha; sirna kee na barsiisi.

14 Ermiyaas 29:11

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha” jedha Waaqayyo.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban