Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Yihowaa Yiree (Waaqayyo Ni Qopheessa)

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Yihowaa Yiree (Waaqayyo Ni Qopheessa) dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Uumama 22:14

Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “ Waaqayyo ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu Waaqayyoo irratti, ni kennama” jedhama.

02 Fiiliphisiyuus 4:19

Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.

03 Maatewos 6:33

Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.

04 Faarfannaa 23:1

Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.

05 Uumama 22:8

Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma ko, Waaqni mataan isaa hoolaa qalma gubamuuf taʼu ni kenna” jedhe. Isaan lamaanis walumaan karaa isaanii itti fufan.

06 Uumama 22:13

Abrahaamis ol ilaalee kunoo korbeessa hoolaa kan gaanfi isaa daggala keessatti qabamee jiru tokko arge; innis dhaqee hoolaa sana fuudhee qooda ilma isaa qalma gubamu godhee dhiʼeesse.

07 2 Qorontos 9:8

Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.

08 Faarfannaa 34:9-10

Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa; warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii. Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas; namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.

09 Luqaas 12:31

Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.

10 Roomaa 8:32

Waaqni Ilma isaa illee utuu hin mararfatin hunduma keenyaaf dabarsee kenne sun akkamitti waan biraa hundumas isa wajjin akkasuma arjummaan nuuf hin kennu ree?

11 Faarfannaa 111:5

Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; kakuu isaas bara baraan ni yaadata.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban