Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqa Bara Baraa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Waaqa Bara Baraa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; irreen bara baraas si jalaan jira. Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
Utuu tulluuwwan hin dhalatin yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin, baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa.
Ati hin beektuu? Ati hin dhageenyee? Waaqayyo Waaqa bara baraa ti; inni Uumaa handaara lafaa ti. Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu; hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.
Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha” jedha.
Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.
Ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti. Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu. Ati akkuma uffataa isaan geeddarta; isaanis ni badu. Ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.
Yaa Waaqayyo, ati bara baraa jalqabdee jirta mitii? Yaa Waaqa ko, yaa Qulqullicha ko, ati gonkumaa hin duutu. Yaa Waaqayyo, ati akka isaan murtii kennaniif isaan muuddeerta; yaa Kattaa ko, ati akka isaan nama adabaniif isaan ramaddeerta.
Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.
Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti.
Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera; ati durii duriitii jalqabdee jirta.
Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma.