Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Jaalaladha
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Waaqayyo Jaalaladha dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku.
Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras. Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.
Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa.
Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera.
Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.