Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Hin Geeddaramne

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Waaqayyo Hin Geeddaramne dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ibroota 13:8

Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma.

02 Miilkiyaas 3:6

“Ani Waaqayyo hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne.

03 Yaaqoob 1:17

Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.

04 Lakkoobsa 23:19

Waaqni nama miti; inni hin sobu; yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti. Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu? Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?

05 Faarfannaa 102:27

Ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.

06 Isaayyaas 40:8

Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraan ni jiraata.”

07 Faarfannaa 33:11

Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban