Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Tiksee Keenya

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Waaqayyo Tiksee Keenya dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 23:1

Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.

02 Yohannis 10:11

“Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.

03 Isaayyaas 40:11

Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata; xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba; ofitti qabees qoma isaatti hammata; haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.

04 Hisqiʼeel 34:15

Ani mataan koo hoolota koo nan tikfadha; akka isaan boqotanis nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan.

05 Faarfannaa 100:3

Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa; isattu nu uume; nu kan isaa ti; nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.

06 Faarfannaa 23:2-3

Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa; gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa; inni lubbuu natti deebisa. Maqaa isaatiif jedhees karaa qajeelaa irra na deemsisa.

07 Yohannis 10:14

“Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku;

08 Faarfannaa 80:1

Yaa tiksee saba Israaʼel, kan akkuma bushaayeetti Yoosefin geggeessitu nu dhagaʼi; ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu.

09 1 Phexros 2:25

Isin dur akkuma hoolota karaa irraa badanii turtan; amma garuu gara Tiksee fi Phaaphaasii lubbuu keessaniitti deebitaniirtu.

10 Faarfannaa 78:52

Saba isaa garuu akkuma nama bushaayee bobbaasuutti achii baase; akkuma hoolaas gammoojjii keessa isaan geggeesse.

11 Faarfannaa 95:7

inni Waaqa keenyaatii; nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,

12 Luqaas 15:4-5

“Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu? Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee,

13 Miikiyaas 5:4

Inni jabina Waaqayyootiin surraa maqaa Waaqayyo, Waaqa isaatiin dhaabatee bushaayee isaa tikfata. Yeroo sanatti surraan isaa waan daarii lafaa gaʼuuf isaan nagaadhaan jiraatu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban