Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Maqaalee fi Amaloota Waaqayyoo
Waaqayyo maqaawwanii fi amaloota isaatiin of mul'isa — Waaqayyo kan dhiheessu, Ani Isa Jiru, Kattaa, Isa hin geeddaramne. Maqaan tokkoon tokkoon isaanii iddoo itti dhaabbatanii fi dhugaa itti amanan. Caqasoonni kun akka ati Waaqayyo akkuma inni of beeksisetti isa beektu si gargaaru.
Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “ Waaqayyo ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu Waaqayyoo irratti, ni kennama” jedhama.
Waaqnis Museedhaan, “ ANI ANUMA; ati saba Israaʼeliin, ‘Inni ANI ANUMA jedhu sun gara keessanitti na ergeera’ jedhi” jedheen.
Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku.
Ergaan nu isa irraa dhageenye, kan isinittis labsinu isa kana: Kunis akka Waaqni ifa taʼee fi akka dukkanni gonkumaa isa keessa hin jirree dha.
Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha” jedha.
Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; irreen bara baraas si jalaan jira. Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
Kanaafuu Gidewoon Waaqayyoof achitti iddoo aarsaa ijaaree, “ Waaqayyo Nagaa dha” jedhee moggaase. Iddoon aarsaa kun hamma harʼaatti lafa Abiiʼezerootaa irra iddoo Ofraa jedhamu dhaabateera.
Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Waaqayyo si fayyisuudhaatii.”
Isheenis maqaa Waaqayyo isheetti dubbate sanaa, “Elrooʼii” jettee waamte. Isheen, “Ani dhugumaan Isa na argu sana argeera” jetteertiitii.
Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.