Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqa Nu Argu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Waaqa Nu Argu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Uumama 16:13

Isheenis maqaa Waaqayyo isheetti dubbate sanaa, “Elrooʼii” jettee waamte. Isheen, “Ani dhugumaan Isa na argu sana argeera” jetteertiitii.

02 Fakkeenya 15:3

Iji Waaqayyoo idduma hunda jira; nama hamaa fi gaariis ni toʼata.

03 Faarfannaa 139:1-2

Yaa Waaqayyo, ati na qorteerta; na beekteertas. Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta; yaada koos fagootti hubatta.

04 Ibroota 4:13

Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.

05 2 Seenaa 16:9

Iji Waaqayyoo warra garaa guutuun isa amanatan jajjabeessuuf guutummaa addunyaa ni ilaalaatii. Sababii ati hojii gowwummaa hojjetteef kana booddee waraanni sirraa hin caamu.”

06 Faarfannaa 33:13-15

Waaqayyo samii irraa gad ni ilaala; ilmaan namootaa hundas ni arga; inni teessoo isaa irra taaʼee, warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala; inni garaa nama hundumaa uumu sun, hojii isaanii hunda ni hubata.

07 Ermiyaas 23:24

“Namni tokko iyyuu akka ani isa arguu hin dandeenyeef iddoo dhoksaa taʼe dhokachuu ni dandaʼa?” jedha Waaqayyo. “Ani samii fi lafa illee nan guuta mitii?” jedha Waaqayyo.

08 Faarfannaa 139:7-10

Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa? Fuula kee duraas ani eessatti baqachuun dandaʼa? Yoo ani samiiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta; yoo ani siree koo siiʼool keessa dhaabbadhes, achis ni jirta. Yoo ani qoochoo ganamaatiin barrisee qarqara galaanaa fagoo irra qubadhe, achittis harki kee karaa na argisiisa; harki kee mirgaas jabeessee na qaba.

09 Iyyoob 34:21

“Iji isaa karaa namootaa irra jira; inni tarkaanfii isaanii hunda ni arga.

10 Faarfannaa 11:4

Waaqayyo mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; teessoon Waaqayyoo samii irra jira. Inni ilmaan namootaa ni ilaala; iji isaas namoota ni qora.

11 Fakkeenya 5:21

Karaan namaa guutumaan guutuutti fuula Waaqayyoo dura jiraatii; innis daandii namaa hunda ni toʼata.

12 Faarfannaa 121:3-4

Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; kan si eegu hin mugu; dhugumaan inni Israaʼelin eegu hin mugu; hin rafus.

13 Luqaas 12:6-7

Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Waaqni hin irraanfatu. Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban