Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqa Hunda Danda'u
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Waaqa Hunda Danda'u dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha” jedha.
Yeroo Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii turetti Waaqayyo isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa Waan Hundumaa Dandaʼuu dha; ati fuula koo dura amanamummaan deddeebiʼi; hirʼinas hin qabaatin.
Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.
Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
“Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka; karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.
“Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan samiiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.
Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume.
Ati hin beektuu? Ati hin dhageenyee? Waaqayyo Waaqa bara baraa ti; inni Uumaa handaara lafaa ti. Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu; hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.
Yesuusis isaan ilaalee, “Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama” jedhe.
Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu.
Isaanis faarfannaa Musee garbicha Waaqaatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan: “Yaa Waaqa Gooftaa Waan Hundumaa Dandeessu, hojiin kee guddaa fi dinqisiisaa dha. Yaa Mootii sabootaa, karaan kee qajeelaa fi dhugaa dha.