Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Ifaadha

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Waaqayyo Ifaadha dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Yohannis 1:5

Ergaan nu isa irraa dhageenye, kan isinittis labsinu isa kana: Kunis akka Waaqni ifa taʼee fi akka dukkanni gonkumaa isa keessa hin jirree dha.

02 Yohannis 8:12

Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.

03 Faarfannaa 27:1

Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa?

04 1 Yohannis 1:7

Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.

05 Yohannis 1:5

Ifni sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanni garuu isa hin moʼanne.

06 Yaaqoob 1:17

Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.

07 Faarfannaa 36:9

Burqaan jireenyaa si bira jiraatii; nu ifa keetiin ifa argina.

08 Isaayyaas 60:19

Siʼachi aduun guyyaadhaan, ifni jiʼaas halkaniin ifa kee hin taʼu; Waaqayyo ifa kee bara baraa taʼaatii; Waaqni kee ulfina kee ni taʼa.

09 Faarfannaa 119:105

Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha; daandii kootiif immoo ifa.

10 Yohannis 12:46

Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.

11 Daaniʼel 2:22

Inni waan gad fagoo fi waan dhokfame ni mulʼisa; waan dukkana keessa jiru ni beeka; ifnis isa wajjin jiraata.

12 Mulʼata 21:23

Aduun yookaan jiʼi magaalattiif ibsuun hin barbaachisu; ulfinni Waaqaa ifa kennaafiitii; Hoolichis ibsaa ishee ti.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban