Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Mootii Bara Baraa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Mootii Bara Baraa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Xiimotewos 1:17

Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.

02 Faarfannaa 47:7

Waaqni Mootii lafa hundaa ti; faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.

03 Mulʼata 19:16

Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha: Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.

04 Faarfannaa 145:13

Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.

05 Daaniʼel 4:34

Dhuma yeroon sanaatti, ani Nebukadnezar gara samii ol nan ilaale; qalbiin koos naa deebiʼe. Anis Waaqa Waan Hundaa Olii nan galateeffadhe; isa bara baraan jiraatus nan jajadhe; ulfinas nan kenneef. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti; mootummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufee dhaabata.

06 Faarfannaa 93:1-2

Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata; Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata. Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus. Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera; ati durii duriitii jalqabdee jirta.

07 Faarfannaa 24:7-8

Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii, akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa. Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyo jabaa fi humna qabeessa, Waaqayyo isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha.

08 Ermiyaas 10:10

Waaqayyo garuu Waaqa dhugaa ti; inni Waaqa jiraataa, Mootii bara baraa ti. Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti; saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan.

09 Faarfannaa 10:16

Waaqayyo bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha; ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu.

10 1 Xiimotewos 6:15

Waaqni eebbifamaanii fi Bulchaan tokkichi, Mootiin moototaa fi Gooftaan gooftotaa yeroo isaatti waan kana ni mulʼisa;

11 Zakkaariyaas 14:9

Waaqayyo guutummaa lafaa irratti mootii taʼa. Gaafas Waaqayyo tokko, maqaan isaas maqaa tokko taʼa.

12 Faarfannaa 29:10

Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa; Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.

13 Isaayyaas 6:5

Anis akkana jedheen iyye; “Anaaf wayyoo! Ani bade! Ani nama hidhii xuraaʼaa kan namoota hidhii xuraaʼaa qaban gidduu jiraatuudhaatii; iji koo Mooticha, Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu argeeraatii.”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban