Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Yeroo Waaqayyoo
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Yeroo Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Wanni hundinuu yeroo qaba; hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Waaqni jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan.
Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Waaqni Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge;
Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii; inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu. Yoo tures isa eegi; inni dhugumaan ni dhufa; hin turus.
“Yaadni koo yaada keessan, karaan keessanis karaa koo miti” jedha Waaqayyo. “Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.
Waaqayyoon eeggadhu; cimi; jabaadhus; Waaqayyoon eeggadhu.