Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Bulchiinsa Isaatti Amanuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Bulchiinsa Isaatti Amanuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
Karaa kee Waaqayyotti kennadhu; isa amanadhu; inni siif milkeessa.
Yaa Waaqayyo, ani akka jireenyi namaa kan mataa isaa hin taʼin nan beeka; namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru.
Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.
Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha. Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu. Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;
Warri maqaa kee beekan si amanatu; yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.