Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Wanti Hundi Gaariidhaaf
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Wanti Hundi Gaariidhaaf dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqni warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna.
Isin hamaa natti yaaddan; Waaqni garuu akkuma amma taʼee jiru kana lubbuu nama baayʼee baraaruuf jedhee waan gaariif yaade.
Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Waaqni nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa?
inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.
Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.
Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha” jedha Waaqayyo.