Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Ni Moʼa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Waaqayyo Ni Moʼa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 93:1

Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata; Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata. Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.

02 Faarfannaa 47:8

Waaqni saboota irratti Mootii dha; Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.

03 Mulʼata 19:6

Anis utuu sagaleen akka sagalee tuuta nama baayʼee, akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaan tokko akkana jedhuu nan dhagaʼe: “Haalleluuyaa! Waaqni keenya Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu moʼeeraatii.

04 Isaayyaas 52:7

Miilli warra wangeela fidanii, kan nagaa labsanii, kan oduu gammachiisaa fidanii, kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin, “Waaqni kee moʼeera!” jedhanii tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!

05 Faarfannaa 96:10

Saboota gidduutti, “ Waaqayyo mootii dha” jedhaa; addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu. Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.

06 Faarfannaa 99:1

Waaqayyo moʼeera; saboonni haa hollatan; inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa; lafti haa raafamtu.

07 1 Seenaa 16:31

Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; isaan saboota gidduutti, “ Waaqayyo moʼeera!” haa jedhan.

08 Faarfannaa 145:13

Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.

09 Daaniʼel 7:14

Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.

10 Baʼuu 15:18

“ Waaqayyo, bara baraa hamma bara baraatti moʼa.”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban