Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Bulchiinsa Waaqayyoo

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Bulchiinsa Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 103:19

Waaqayyo teessoo isaa samii keessa dhaabbateera; mootummaan isaas waan hunda bulcha.

02 Faarfannaa 47:8

Waaqni saboota irratti Mootii dha; Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.

03 Daaniʼel 4:35

Uummanni lafaa hundi wayittuu hin hedaman. Inni humnoota samii irratti, namoota lafaa irrattis, waanuma fedhe hojjeta. Namni harka isaa dhowwuu yookaan “Ati maal hojjechaa jirta?” jedhee isa gaafachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.

04 1 Seenaa 29:11-12

Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni, ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti. Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti; ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha. Badhaadhummaa fi kabajamuun si biraa argama; ati bulchaa waan hundaa ti. Ol ol guddisuu fi waan hundaaf jabina kennuuf, jabinnii fi humni si harka jira.

05 Faarfannaa 22:28

mootummaan kan Waaqayyootii; innis saboota hunda ni bulcha.

06 Faarfannaa 115:3

Waaqni keenya samii keessa jira; inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.

07 Daaniʼel 4:34

Dhuma yeroon sanaatti, ani Nebukadnezar gara samii ol nan ilaale; qalbiin koos naa deebiʼe. Anis Waaqa Waan Hundaa Olii nan galateeffadhe; isa bara baraan jiraatus nan jajadhe; ulfinas nan kenneef. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti; mootummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufee dhaabata.

08 Faarfannaa 96:10

Saboota gidduutti, “ Waaqayyo mootii dha” jedhaa; addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu. Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.

09 Isaayyaas 40:15

Dhugumaan saboonni akkuma copha baaldii keessaa ti; isaan akkuma awwaara madaalii irra jiruutti ilaalamu; inni biyyoota bishaan gidduu illee akkuma biyyoo bullaaʼaatti madaala.

10 Faarfannaa 145:13

Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.

11 Efesoon 1:11

Nus akkuma karoora isa waan hundumaa akka kaayyoo fedhii isaatti hojjetu sanaatti duraan dursee waan murteeffamneef Kiristoosiin dhaala arganneerra;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban