Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Suphee Dhooftuu fi Suphee
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Suphee Dhooftuu fi Suphee dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya. Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti; hundi keenya hojii harka keetii ti.
“Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?” jedha Waaqayyo. “Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu.
Garuu yaa namichoo, Waaqaan mormuuf ati eenyu? “Wanti tolfame tokko kan isa tolcheen, ‘Ati maaliif akkanatti na tolchite?’ ” jedhaa? Suphee dhooftuun tokko dhoqqee suphee kan bukaaʼe irraa qodaa ulfinaa fi salphinaaf oolu tolchuuf mirga hin qabuu?
Kun jalʼina keessan, suphee dhooftuu akka supheetti ilaaltu! Wanni tolchame tokko nama isa tolcheen “Inni na hin tolchine” jedhaa? Okkoteen tokko suphee dhooftuudhaan, “Inni homaa hin beeku” jechuu dandaʼaa?
Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka.
“Harki kee tolchee na uume. Ati amma deebitee na balleessitaa? Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu. Ati amma gara biyyootti na deebiftaa?
“Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo. Supheen, suphee dhooftuudhaan, ‘Ati maal hojjechaa jirta?’ jedhaa? Hojiin ati hojjettus, ‘Inni harka hin qabu’ siin jedhaa?
Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa; isattu nu uume; nu kan isaa ti; nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.
Yaa saba gowwaa, kan ogummaa hin qabne, ati akkasitti Waaqayyoof deebii kennitaa? Inni Abbaa kee, Uumaa kee, kan si hojjetee fi si tolche mitii?
Waaqayyo Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe.
Ani fuula Waaqaa duratti namuma akka keetii ti; anis biyyoo irraan hojjetame.
kan maqaa kootiin waamame hunda, kanneen ani ulfina kootiif uume, warra ani tolchee fi hojjedhe sana fidaa.”