Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kaayyoon Isaa Ni Dhaabata
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Kaayyoon Isaa Ni Dhaabata dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.
Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.
“Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka; karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.
Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhee kakateera; “Dhugumaan akkuma ani duraan karoorfadhe sana wanni kun ni taʼa; akkuma ani yaade sanas ni dhaabata.
“Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata; kan isaan mormuu dandaʼu eenyu? Inni waanuma jaallatu hojjeta.