Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dhihaachuu Waaqayyoo

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Dhihaachuu Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 145:18

Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.

02 Yaaqoob 4:8

Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.

03 Faarfannaa 34:18

Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.

04 Keessa Deebii 4:7

Sabni guddaan akka yeroo nu Waaqayyo Waaqa keenya waammannutti nutti dhiʼaatu sana waaqonni isaanii itti dhiʼaatan kan biraa kami?

05 Hojii 17:27

Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban