Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Aaruuf Suuta
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Aaruuf Suuta dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
Waaqayyo fuula Musee dura darbee akkana jedhee labse; “ Waaqayyo, Waaqayyo Waaqa gara laafessaa fi arjaa, kan dafee hin aarre, kan jaalallii fi amanamummaan isaa guddaa,
‘ Waaqayyo dafee hin aaru; jaalalli isaa immoo guddaa dha; inni cubbuu fi fincila namaaf dhiisa. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee ni adaba.’
Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha; daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.
Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin garaa keessan tarsaasaa. Gara Waaqayyo Waaqa keessaniitti deebiʼaa; inni arjaa fi gara laafessaatii; inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha; inni badiisa erguu irraa of qusata.