Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ulfina Maqaa Isaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Ulfina Maqaa Isaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 29:2

Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.

02 Faarfannaa 8:1

Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! Ati ulfina kee samiiwwan irratti diriirsiteerta.

03 Fiiliphisiyuus 2:9-10

Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe; maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne. Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf.

04 Faarfannaa 113:3

Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, maqaan Waaqayyoo haa jajamu.

05 Miilkiyaas 1:11

“Maqaan koo baʼa aduutii kaasee hamma lixa aduutti saboota gidduutti guddaa ni taʼa. Iddoo hundatti ixaannii fi aarsaan qulqulluun ni kennama; maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼaatii” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.

06 Faarfannaa 96:8

Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.

07 Isaayyaas 12:4

Isin bara sana keessa akkana jettu: “ Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa; waan inni hojjete sabootatti beeksisaa; akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.

08 Faarfannaa 72:19

Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu; lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu. Ameen; Ameen.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban