Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qulqullummaa Waaqayyoo

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Qulqullummaa Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Isaayyaas 6:3

Isaanis: “ Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.

02 1 Phexros 1:15-16

Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa; “Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.

03 Lewwota 19:2

“Akkana jedhii waldaa saba Israaʼel hundatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqni keessan qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa.

04 Mulʼata 15:4

Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne, kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu? Si qofatu qulqulluudhaatii. Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef, saboonni hundinuu ni dhufu; fuula kee durattis ni sagadu.”

05 1 Saamuʼeel 2:2

“Qulqulluun akka Waaqayyoo tokko iyyuu hin jiru; si malees eenyu iyyuu hin jiru; kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru.

06 Anbaaqoom 1:13

Iji kee akka waan hamaa hin ilaalleef akka malee qulqulluu dha; ati daba argitee obsaan dhiisuu hin dandeessu. Yoos ati maaliif obsaan namoota hamoo ilaalta? Ati maaliif yeroo namoonni hamoon warra isaan caalaa qajeeloo taʼan liqimsanitti calʼistaa?

07 Faarfannaa 99:5

Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa; ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa; inni qulqulluu dha.

08 Baʼuu 15:11

Yaa Waaqayyo, waaqota keessaa eenyutu si fakkaata? Qulqullinaan simboo qabeessi, ulfinaan sodaachisaan, hojii dinqii hojjechuuttis kan akka keetii eenyu?

09 Isaayyaas 57:15

Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban