Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Miidhaginaa Waaqayyoo
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Miidhaginaa Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni, ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti. Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti; ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.
Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi. Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ati akka malee guddaa dha; miidhaginaa fi surraa uffatteerta.
Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.
Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu; anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.
Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! Ati ulfina kee samiiwwan irratti diriirsiteerta.
Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe; atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte.
Waaqni bareedina warqeetiin kaabaa ni dhufa; inni ulfina isaa isa sodaachisaa sanaan ni dhufa.
Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
Waaqni Teemaan irraa, Inni Qulqullichi Tulluu Phaaraaniitii dhufe. Ulfinni isaa samiiwwan haguuge; galanni isaas lafa guute. Miidhaginni isaa akkuma baʼiisa aduu ti; gaanfawwan lama harka isaatii baʼu; humni isaas achi dhokateera.
Hojiin kee tajaajiltoota keetti, ulfinni kees ijoollee isaaniitti haa mulʼifamu.
“Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi; ulfinni Waaqayyoo siif baʼeera.