Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ulfina Isaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Ulfina Isaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; bantiin samiis hojii harka isaa labsa.
Isaanis: “ Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.
Akkuma bishaan galaana guutu sana lafti ulfina Waaqayyoon beekuutiin guutamtiitii.
Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
Taʼu illee akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼee fi akkuma ulfinni Waaqayyoo dhugumaan lafa hunda guute sana,
“Ani Waaqayyo; maqaan koos kanaa dha! Ani ulfina koo kan biraatiif, galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu.
Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe. Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.
Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu; lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu. Ameen; Ameen.
Museenis, “Maaloo ulfina kee na argisiisi” jedhe.
Ulfinni Waaqayyoo ni mulʼata; sanyiin namaa hundinuus tokkummaadhaan ni arga. Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.”
Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.