Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Mulʼata 4:8

Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.

02 Isaayyaas 6:3

Isaanis: “ Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.

03 Mulʼata 4:11

“Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”

04 Baʼuu 15:11

Yaa Waaqayyo, waaqota keessaa eenyutu si fakkaata? Qulqullinaan simboo qabeessi, ulfinaan sodaachisaan, hojii dinqii hojjechuuttis kan akka keetii eenyu?

05 Faarfannaa 99:9

Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa; tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa; Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii.

06 Isaayyaas 6:2-3

Isaa olittis suraafeloota tokkoon tokkoon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabantu ture; isaanis qoochoo lamaan fuula isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan miilla isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan immoo ni barrisu turan. Isaanis: “ Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.

07 Faarfannaa 22:3

Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha; ati galata Israaʼel.

08 1 Saamuʼeel 2:2

“Qulqulluun akka Waaqayyoo tokko iyyuu hin jiru; si malees eenyu iyyuu hin jiru; kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru.

09 Lewwota 11:44

Ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha; waan ani qulqulluu taʼeef isinis of qulqulleessaatii qulqulloota taʼaa. Uumama lafa irra munyuuqu kamiin iyyuu of hin xureessinaa.

10 Mulʼata 15:4

Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne, kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu? Si qofatu qulqulluudhaatii. Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef, saboonni hundinuu ni dhufu; fuula kee durattis ni sagadu.”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban