Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qulqullummaa fi Ulfina Waaqayyoo

Waaqayyo qulqulluu dha, qulqulluu dha, qulqulluu dha — qulqullina guutuudhaan addaan baʼe, ulfina keessattis calaqqisu. Guddina isaa ilaaluun kufanii waaqeffachuu fi sodaadhaan raafamuu dha. Caqasoonni kun ija kee gara miidhagina Gooftaatti ol qabu.

Qulqullummaa Waaqayyoo — Isaayyaas 6:3

Isaanis: “ Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.

Guddina Isaa — Faarfannaa 8:1

Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! Ati ulfina kee samiiwwan irratti diriirsiteerta.

Waaqayyoon Sodaachuu — Fakkeenya 9:10

“ Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

Ulfina Isaa — Faarfannaa 19:1

Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; bantiin samiis hojii harka isaa labsa.

Waaqayyo Malu — Mulʼata 4:11

“Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”

Teessoo Waaqayyoo — Isaayyaas 6:1

Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge.

Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu — Mulʼata 4:8

Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.

Miidhaginaa Waaqayyoo — 1 Seenaa 29:11

Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni, ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti. Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti; ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.

Fuula Waaqayyoo Duratti Sodaachuu — Faarfannaa 33:8

Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu; sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.

Ibidda Barbadeessu — Ibroota 12:29

Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.

Ulfina Maqaa Isaa — Faarfannaa 29:2

Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.

Miidhaginaa Qulqullummaa — Faarfannaa 96:9

Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa; isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.