Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ibidda Barbadeessu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Ibidda Barbadeessu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.
Waaqayyo Waaqni keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Waaqa hinaafudhas.
Ulfinni Waaqayyoos ibidda waa gubu fakkaatee fiixee tulluu irraa saba Israaʼelitti mulʼachaa ture.
Garuu eenyutu guyyaa dhufaatii isaa sana obsuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatuttis eenyutu isa dura dhaabachuu dandaʼa? Inni akka ibidda nama sibiila baqsee qulqulleessuu yookaan akka saamunaa nama wayyaa miicuu ti.
Cubbamoonni Xiyoon keessaa ni sodaatu; warri Waaqatti hin bulles hollachaa, “Nu keessaa eenyutu ibidda waa balleessu wajjin jiraachuu dandaʼa? Nu keessaa eenyutu ibidda bara baraan hin dhaamne wajjin jiraachuu dandaʼa?” jedhu.
Taʼus kan akkuma ibidda waa gubee fixuu si dura ceʼu Waaqayyo Waaqa kee taʼuu isaa harʼa beeki. Inni isaan balleessa; fuula kee durattis gad isaan deebisa. Atis akkuma Waaqayyo si abdachiise sanatti ariitee isaan baafta; daftees isaan fixxa.
Harka Waaqa jiraataatti kufuun sodaachisaa dha.
isin warra rakkattaniif, nuufis boqonnaa ni kenna. Kunis yommuu Gooftaan Yesuus ibidda balaliʼuun ergamoota isaa humna qabeeyyii wajjin samii irraa mulʼatutti taʼa. Inni warra Waaqa hin beeknee fi warra wangeela Gooftaa keenya Yesuusiif hin ajajamne ni adaba.
Eenyutu dheekkamsa isaa dura dhaabachuu dandaʼa? Eenyutu dheekkamsa isaa sodaachisaa sana obsuu dandaʼa? Dheekkamsi isaa akkuma ibiddaa dhangalaʼa; fuula isaa duratti kattaawwan ni burkutaaʼu.