Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyoon Sodaachuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Waaqayyoon Sodaachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
“ Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.
Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.
Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.
Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.
Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa; yoos namni boqonnaadhaan jiraata; rakkinnis isa hin argatu.