Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Fuula Waaqayyoo Duratti Sodaachuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Fuula Waaqayyoo Duratti Sodaachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu; sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.
Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa; isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.
Waaqayyo garuu mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; lafti hundi fuula isaa duratti haa calʼistu.
Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama; warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.
Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Waaqa haa waaqeffannu;