Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Tarkaanfii Keenya Qajeelcha

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Waaqayyo Tarkaanfii Keenya Qajeelcha dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 20:24

Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama. Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?

02 Fakkeenya 16:9

Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.

03 Faarfannaa 37:23

Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama; inni karaa namicha sanaatti ni gammada.

04 Ermiyaas 10:23

Yaa Waaqayyo, ani akka jireenyi namaa kan mataa isaa hin taʼin nan beeka; namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru.

05 Fakkeenya 3:5-6

Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.

06 Faarfannaa 32:8

Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa.

07 Fakkeenya 16:3

Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu; karoorri kees siif milkaaʼa.

08 Isaayyaas 30:21

Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, “Karaan kana; isa irra deemi” jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa.

09 Faarfannaa 48:14

Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii; inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.

10 Faarfannaa 25:9

Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa; karaa isaas isaan barsiisa.

11 Isaayyaas 58:11

Waaqayyo yeroo hunda si geggeessa; inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu fedhii kee siif guuta; lafee kees ni jabeessa. Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee, akka burqaa hin gognees ni taata.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban