Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kunuunsa Waaqayyoo
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Kunuunsa Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?
Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.
Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookaan ‘Maal dhugna?’ yookaan ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa. Kana hunda ormoonni iyyuu ni barbaaduutii; Abbaan keessan inni samii irraas akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.
Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu; inni si jiraachisa; namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
Daaloteen lama saantima tokkotti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu fedhii Abbaa keessanii malee lafa hin buutu. Rifeensi mataa keessanii hundis lakkaaʼameera. Kanaaf hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.
Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; inni lubbuu kee ni eega; Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.
Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;
Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; taʼus Gooftaan naaf yaada. Ati gargaarsa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqa ko, hin turin.
Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti, ani isa; isuma isin jiraachisuu dha. Ani isin uumeera; isinan baadhas; ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.
Kanaafuu akka Waaqni yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa. Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.
Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata! Baayʼinni isaas akkam guddaa dha! Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee, silaa lakkoobsi isaanii cirracha irra baayʼata. Ani yeroon dammaqutti, amma iyyuu suma wajjinan jira.
Waaʼee Beniyaam akkana jedhe: “Namni Waaqayyo isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu; inni guyyaa guutuu isa eegaatii; namni Waaqayyo isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota.”