Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jaalala Isaa Bara Baraa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Jaalala Isaa Bara Baraa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ermiyaas 31:3

Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.

02 Roomaa 8:38-39

Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

03 Faarfannaa 136:1

Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii. Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

04 Yohannis 13:1

Yeroon sun Ayyaana Faasiikaatiin dura ture. Yesuusis akka addunyaa kana keessaa gara Abbaa dhaquudhaaf saʼaatiin isaa gaʼe ni beeke. Innis warra kan isaa taʼan kanneen addunyaa keessa turan ni jaallate; hamma dhumaattis isaan jaallate.

05 Isaayyaas 54:10

Tulluuwwan raafamanii, gaarran buqqifaman iyyuu, jaalalli hin geeddaramne kan ani siif qabu garuu hin raafamu; yookaan kakuun koo kan nagaa hin diigamu” jedha Waaqayyo inni garaa siif laafu sun.

06 Faarfannaa 103:17

Jaalalli Waaqayyoo garuu bara baraa hamma bara baraatti warra isa sodaatan wajjin ni jiraata; qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;

07 Efesoon 2:4-5

Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.

08 Faarfannaa 100:5

Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban