Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Nu Sooru

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Waaqayyo Nu Sooru dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fiiliphisiyuus 4:19

Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.

02 Maatewos 6:33

Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.

03 Faarfannaa 23:1

Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.

04 Uumama 22:14

Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “ Waaqayyo ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu Waaqayyoo irratti, ni kennama” jedhama.

05 Faarfannaa 34:10

Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas; namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.

06 2 Qorontos 9:8

Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.

07 Luqaas 12:24

Mee arraageyyii ilaalaa: Isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan; gombisaa yookaan gumbii hin qaban; taʼus Waaqni isaan soora. Isin immoo hammam simbirroota caalaa gatii guddaa qabdu!

08 Faarfannaa 145:15-16

Iji nama hundaa si eeggata; atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita. Ati harka kee balʼiftee fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.

09 Faarfannaa 84:11

Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.

10 Maatewos 7:11

Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree!

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban