Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Waan Hunda Hojjeta

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Waaqayyo Waan Hunda Hojjeta dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 1:11

Nus akkuma karoora isa waan hundumaa akka kaayyoo fedhii isaatti hojjetu sanaatti duraan dursee waan murteeffamneef Kiristoosiin dhaala arganneerra;

02 Roomaa 8:28

Waaqni warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna.

03 Qolosaayis 1:16-17

Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman. Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.

04 Faarfannaa 135:6

Waaqayyo samiiwwan keessattii fi lafa irratti, galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti, waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.

05 Daaniʼel 2:21

Inni barootaa fi waqtiilee ni geeddara; mootota teessoo irra ni teessisa; irraa buusas. Inni ogeeyyiif ogummaa, beektotaafis hubannaa ni kenna.

06 Isaayyaas 46:10

Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.

07 Fakkeenya 16:4

Waaqayyo waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta; hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa.

08 Roomaa 11:36

Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe. Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

09 Faarfannaa 33:11

Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban