Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amala fi Haasawa
Iji Waaqayyo beekuu amala jijjiirame dha — jaalala, gad of qabuu, amanamummaa, fi dubbii ayyaana kennu. Macaafni Qulqulluun akkamitti akka namoota kaan qabnuu fi akkamitti akka arraba keenyatti fayyadamnu xiyyeeffannaa guddaa kenna. Caqasoonni kun nama Waaqayyo keessaa gara alaatti si taasisu bocu.
Jaalalaa fi Gara Laafina
Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.
“Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa.
Akkuma Waaqni karaa Kiristoosiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.
Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu. Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha. Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’ jedha.
Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa;
Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii.
Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.
Jaalalli gonkumaa hin badu. Raajii taanaan ni darba; afaan haaraa taanaan ni hafa; beekumsas taanaan ni bada.
Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.
Inni lammaffaan immoo, isa kana; ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’ Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru.”
akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.
Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
Gad of Deebisuu fi Tajaajilummaa
Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa.
Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.
Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiʼoo jira.
Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.
Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;
Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu.
Kanaafuu akka Waaqni yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa.
Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa; “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii.”
Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
Amanamummaa fi Qulqullummaa
Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.
Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta.
“Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.
Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa? Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata? Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne yookaan nama sobaan hin kakannee dha.
kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif,
Wanni isin jechuu qabdan, ‘Eeyyee’ yookaan ‘Waawuu’ haa taʼu; wanni kanaa achii kam iyyuu isa hamaa sana irraa dhufa.
Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu,
Kaayyoon ajaja kanaas jaalala garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii itti fakkeessuu hin qabne keessaa baʼuu dha.
Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Waaqaatiif hojjedhaa.
Arraba fi Dubbii Keenya
Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa.
Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.
Hadhaaʼummaan, dheekkamsii fi aariin, wacnii fi maqaa nama balleessuun hundinuu hammina hundumaa wajjin isin irraa haa fagaatu.
Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin.
Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Kiristoos.
Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.
Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;
Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu, balaa irraa of eega.
Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.