Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ajaja Hunda Caalu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Ajaja Hunda Caalu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu. Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha. Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’ jedha.
Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu.
Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan jaalladhu.’
“ ‘Saba kee keessaa nama tokkotti iyyuu haaloo hin baʼin yookaan haaloo itti hin qabatin; ollaa kee garuu akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ani Waaqayyo.
Ajajawwan, “Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; hin hawwin” jedhanii fi ajajni biraas seera, “Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu” jedhu kanaan walitti guduunfamu.
Seerrii fi Raajonni hundinuu ajajawwan kanneen lamaan irratti hundeeffamu.”
Namichis, “ ‘Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu; ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’” jedhee deebise.
Seerri guutuun ajaja tokkicha, “Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu” jedhuun xumurameeraatii.
Inni ajaja kana nuu kenneera: Namni Waaqa jaallatu kam iyyuu obboleessa ofii isaa jaallachuu qaba.
“Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.
Garuu akka Waaqayyo Waaqa keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Museen garbichi Waaqayyoo isinii kenne sana jabeessaa eegaa.”