Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jaalala Hojiidhaan
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Jaalala Hojiidhaan dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.
Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu. Isin keessaa yoo namni tokko, “Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas” isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree?
Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Waaqaa akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa?
Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.
“Mootiin sunis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootan’ jedhaan.
Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.
Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna.
Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.
Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii.
Jaalalli keessan itti fakkeessuudhaan hin taʼin. Waan hamaa jibbaa; waan gaariitti maxxanaa.
Namichi Samaariyaa tokko garuu utuu deemaa jiruu iddoo namichi sun jiru gaʼe; yommuu isa argettis garaa laafeef. Innis itti dhiʼaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef; harree isaa irras kaaʼee, mana boqonnaa keessummootaatti isa geesse; achittis isa gargaare.
Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu.