Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Diinota Jaalachuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Diinota Jaalachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Maatewos 5:44

Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa;

02 Luqaas 6:27-28

“Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa; warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa.

03 Roomaa 12:20

Garuu, “Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi; yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif. Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta.”

04 Fakkeenya 25:21

Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif; yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif.

05 Roomaa 12:14

Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban