Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Arjummaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Arjummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 4:32

Akkuma Waaqni karaa Kiristoosiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.

02 Qolosaayis 3:12

Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.

03 Galaatiyaa 5:22-23

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

04 Fakkeenya 11:17

Namni gaariin of fayyada; gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.

05 Luqaas 6:35

Isin garuu diinota keessan jaalladhaa; waan gaariis isaaniif hojjedhaa; utuu waan isinii deebiʼu tokko illee hin abdatin isaaniif liqeessaa. Yoos gatiin keessan guddaa ni taʼa; isinis ijoollee Waaqa Waan Hundaa Olii ni taatu; inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee arjaadhaatii.

06 Fakkeenya 19:17

Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.

07 Miikiyaas 6:8

Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban