Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Arjummaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Arjummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 2 Qorontos 9:7

Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii.

02 Fakkeenya 11:24-25

Namni tokko toluma waa namaa kenna; taʼus ittuma caalchisee sooroma; kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma. Namni arjaan ni badhaadha; namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.

03 Luqaas 6:38

Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii.”

04 2 Qorontos 9:6

Waan kana yaadadhaa: Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu utuu harka isaa hin guutin galfata; namni harka isaa guutee facaasu immoo harka isaa guutee galfata.

05 Hojii 20:35

Ani waan hojjedhe hunda keessatti nu dubbii Gooftaa Yesuus mataan isaa, ‘Fudhachuu irra kennuutu eebba qaba’ jedhee dubbate sana yaadachaa hojii jabaa akkanaatiin akka warra dadhabaa gargaaruu qabnu isin argisiiseera.”

06 Fakkeenya 22:9

Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama.

07 1 Xiimotewos 6:18

Akka isaan waan gaarii hojjetan, akka badhaadhummaan isaanii hojii gaarii taʼu, akka arjooman, akka waan qabanis qooduuf fedhii qabaatan isaan ajaji.

08 Fakkeenya 19:17

Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.

09 Keessa Deebii 15:10

Ati arjummaadhaan isaaf kenni; yommuu kennituufis garaan kee hin gaabbin; sababii kanaaf Waaqayyo Waaqni kee hojii kee hundaa fi waan harki kee qabate hundaan si eebbisa.

10 Maatewos 10:8

Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.

11 Ibroota 13:16

Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii.

12 Fakkeenya 28:27

Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.

13 Faarfannaa 112:5

Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf, nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban