Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jaalalli Ni Haguuga
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Jaalalli Ni Haguuga dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.
Jibbi lola kakaasa; jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.
Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.
Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa.
inni nama cubbamaa karaa jalʼaa irraa deebisu lubbuu namicha sanaa akka duʼa jalaa baasu, cubbuu baayʼees akka dhoksu haa beeku.
Namni balleessaa namaaf dhiisu jaalala guddisa; namni waan tokko irra deddeebiʼu, garuu michoota walitti dhiʼaatan gargar baasa.
Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa.