Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amanamummaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Amanamummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
Amanamummaan tolootaa isaan dura deema; warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi qajeelummaan ana haa eegan.
Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu; ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu.
Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.
Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; anis utuu asii fi achi hin raafamin, Waaqayyoon amanadheera.
Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.
Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya.
Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda; baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda.
Yaa Waaqa koo akka ati garaa qortuu fi qajeelummaa jaallattu ani beeka. Anis waan kana hunda amanamummaa fi fedhiidhaanan kenne. Ammas akka sabni kee kan as jiru kun fedhiidhaan siif kenne ani argee gammadeera.
Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa; madaalii dhugaatti immoo ni gammada.
Waan hunda keessatti waan gaarii hojjechuun fakkeenya isaaniif taʼi. Barsiisa kee keessatti amanamaa, kabajamaa fi nama akka salphaatti hin ilaalamne taʼi;
“Namni waan xinnootti amanamu kam iyyuu waan baayʼeettis ni amanama; namni waan xinnootti hin amanamne kam iyyuu immoo waan baayʼeettis hin amanamu.
Fuula Waaqayyoo duratti aarsaa caalaa, waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.
Daawitis garaa qajeelaadhaan isaan tikse; ogummaa harka isaatiinis isaan dura buʼe.