Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amanamummaa fi Qulqullummaa
Waaqayyo saba isaa akka amanamummaadhaan deemanii fuula isaa durattis garaa isaanii qulqulluu godhatan waama. Warri garaa qulqulluu qaban eebbifamoo dha; isaan Waaqayyoon ni arguutii. Caqasoonni kun jireenya qulqulluu fi hin qoodamne jajjabeessu.
Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.
Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta.
“Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.
Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa? Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata? Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne yookaan nama sobaan hin kakannee dha.
kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif,
Wanni isin jechuu qabdan, ‘Eeyyee’ yookaan ‘Waawuu’ haa taʼu; wanni kanaa achii kam iyyuu isa hamaa sana irraa dhufa.
Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu,
Kaayyoon ajaja kanaas jaalala garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii itti fakkeessuu hin qabne keessaa baʼuu dha.
Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Waaqaatiif hojjedhaa.