Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qulqullummaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Qulqullummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
“Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.
Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.
Waaqni akka nu jireenya qulqulluu jiraannuuf malee akka xuroofnuuf nu hin waamneetii.
Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.
Sababii ani Waaqayyo qulqulluu taʼee fi akka isin kan koo taataniifis saboota kaan irraa addaan isin baaseef, isin qulqulloota naaf taʼaa.
Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.
Waaqni sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Kiristoos Yesuusiin nuu kenname;
Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa;
Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis
Ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha; waan ani qulqulluu taʼeef isinis of qulqulleessaatii qulqulloota taʼaa. Uumama lafa irra munyuuqu kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti.
Abbootiin keenya akkuma isaanitti gaarii fakkaatetti yeroo gabaabaaf nu adabaa turan; Waaqni garuu akka nu qulqullummaa isaa keessatti hirmaannuuf faayidaa keenyaaf jedhee nu adaba.
Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif;
Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa? Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata? Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne yookaan nama sobaan hin kakannee dha.